Namootni dhaddacharratti uffata keelloo uffatanii argaman hidhaman: Dhaddachis guyyaa biraaf darbe

Chala Dandessa Debela
1 min readJan 27, 2021
Namootni dhaddacharratti uffata keelloo uffatanii argaman hidhaman: Dhaddachis guyyaa biraaf darbe

Namootni dhaddacharratti uffata keelloo uffatanii argaman hidhaman: Dhaddachis guyyaa biraaf darbe

Har’a Amajjii 19 bara 2013 ganama sa’aa 3 irratti dhaddachi yakkaa Lidataa galmee himatamtoota Obbo Jawaar Mohaammad fi namoota 24 ilaaluuf beellama qabaachuusaa sababeeffachuun, hirmaattonniifi maatiin hidhamtootaa dhaddacha nama hundaaf banaa ta’e kanarratti hirmaachuuf uffata keelloo uffachuun yeroo achi dhaqqabanitti Poolisii Federaalaa fi Finfinneetiin akka too’atamii OMN gabaaseera.

Maatii hidhamtoota dabalatee hirmaattota dhaddacha kanneen uffata Keelloo uffatanii dhaqan dabalatee, namoonni kan biroon uffata Keelloo uffatanii naannoo sanarra darbaa turan illee gaaffii tokko malee ukkaamfamaa konkolaataam fudhatamanii deemaniiru, jechuun gabaaseera OMN.

Taate kana kan hubatan hidhamtootni kunneen ‘’hanga warri har’a dhaddacha hirmaachuuf dhufanii hidhaman hin hiikamnetti dhaddacha irratti hin hirmaannu’’ jechuun mormii isaanii dhaddachaaf waan ibsaniif galmee Jawaar Mohaammad’faa ilaalchisee beellamni har’aatti qabamee ture torbaan dhufutti 27/05/2013'tti darbe jira.

Sochiin uffata keelloo uffachuun kun tibbana kan jalqabame yoo ta’u, Obbo Jawaar Mahaammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee hidhamtoota siyaasaa Oromoo mana hidhaa keessatti jiran bira haamileen dhaabachuuf kan kaayyeeffate akka ta’e ibsameera. Uffatni keelloo kun uffata idilee (uniform) mana hidhaa akka ta’e ni beekama.

--

--

Chala Dandessa Debela

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. Contact us at caalaadd2@gmail.com as email contact.