--
Burkunaa Faassootti yaaliin mootummaa fonqolchuu gaggeeffamuu miidiyaan biyyattii gabaase
Burkunaa Faassootti yaaliin mootummaa fonqolchuu gaggeeffamuu miidiyaan biyyattii gabaase.
Burkinaafaasootti har’a Fulbaana 30, 2022 ganama keessa dhiheenya naannawa masaraa Pirezedantiitti fi waajjira muummee waraanaa biyyattitti, dhukaasni banamuu namoonni taattee sana argan AFPtti himan.
Dhukaasa baname hordofee daandiiwwan magaalaa guddoo biyyattii Ogaaduguu loltootaan cufamaniiru. Buufanni tamsaasa TV biyyattii ‘La Radiodiffusion Télévision du Burkina’ jedhamu sababa kanaan tamsaasa addaan kuteera.
Maadhee waraanaa biyyattii ijoo ‘Baba Sy’ bakka jedhamu biratti dhukaasni dhaga’amuu hordofee, gamoon miidiyaa biyyaaleessaa Burkinaafaasoo loltootaan marfameera.
Letanaal Koloneel Paawol Henrii Sandiyaagoo Damiiba, baatii Amajjii bara 2022 ture fonqolchaan aangoo kan qabatan.
BBC: https://bbc.in/3LVMni7 irraa argattu.
Suuraa: Rooyitarsi